Ecclesiastes 11:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi ka waan ch'ufa uume, akuma atini ilmaani garaa haad'a keesati uumamte waan isiini uumamtteeni imbeenne, akasuma atini waan inni tolche imbeenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkaataa qilleensi itti deemuu fi akkaataa namoonni garaa keessatti uumaman akkuma hin beenne Rabbiin waa maraa uume attamitti akka hujii ufii itti hojjatu beekuu hin dandeettu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu.