Ecclesiastes 11:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galgalaafi diiramale mid'aani fach'aasi, wonti akanatiifi atini ka ira baha imbeetu, yokhaani aka lachu akuma takaa bahani imbeetu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ganama sanyii kee facaasi; galgalallee hujii hin dhiisin; kana ta'ee'e, yookaan san ta'ee'e yookaan lamaanuu waan ta'u waan hin beenneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te'e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te'a.