Ecclesiastes 12:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla goodo ch'ufa sodaatte, deemani si d'ibdi. Rifeensi kanke ch'ufti si arrae chochoule dad'abde, d'arraani woi ch'ufti si keesaa hobaati. Yo nami fulla ufi ta haga jiru iti boqotu d'aqu, olla keesa guddo isaa bohani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Goodda bayuun yoo dadhabamu, yoo karaan sodaachisu, yoo daraaraan mukaa addaatu, yoo korophiifni lafa irra harkifamu, yoo fedhii dhaban, hennaa san namni gara mana ufii ka bara baraa dhaqa; worri isaa booyan asii fi achi naannayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san tarba bayiisa hin sodaatta; miilaan deemiisa guddoo hin sodaatta; rifeensi keeti akka daraaraa muka «Almond» jedhamuu adii hin te'a; yennaa ideentu akka korophiisaa hin tatabbitta; fedhiin teeti hin baddi. Achiin duuba ati gara mana keeti ka bara baraa hin deenta; kolbaan awwaala keetiif hin yaati.