Ecclesiastes 2:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini herege waan ufiini jed'e, Yo wonti daalle qabata nale qabatu qaroomi kiyya maani na baha ree? Woma tokole na imbahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani garaa kiyya keessatti «Wonti nama gowwaa irra gawu, na irrallee ima gaya; maaf ani guddisee ogeessa ta'e?» jedhe; hennaa san ani garaa kiyya keessatti «kunillee gatii hin qabu!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ani gadhaa kiyya keessatti, «Eega wonni nama gowwa'atti dhufu natti dhufu te'ee, maaniif qaroo te'e ree?» jedhee yaadadhe; gadhaa kiyya keessatti, «Tunille bu'aa hin qaddu» jedhe.