Ecclesiastes 2:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eentu beekha — inni qaro taanaani yokhaani daalle taanaani? Ammo ha taatuti, waan anini hojad'eefi ka qaroomi kiyya lafa tana irati naa kenne ch'ufti isumaa hafti. Tokoleeni woma imbaatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka naan maayessa dhufu ogeessa ta'ee'e, gowwaa, ka addaan baasu hin jiru; garuu waan ani sami'ii gaditti itti dadhabee fi ka ani ogummaa kiyyaan bu'aa buuse fudhatee abbaa itti ta'a; kunillee gatii hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami na duubaan dhufu sun qaroo yookiin gowwaa te'uu isaa eentu beeka? Te'uu malee inni waan ani biyyaa lafaa irratti itti elowee qarumma'aan huje san irratti abbummaa hin qabaata. Tunille bu'aa hin qaddu.