Ecclesiastes 6:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi duroomafa, ulfinnafa, qabeennafi waan ch'ufa ka nami fed'u inkennaafi, ammo aka inni quufe machauuni iti illakisu. Ammo fulla isaa namuma d'ibi ka inni imbeenneti d'uge quufe machaani. Tunileeni woma imbaatu, woma dabaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi durummaa'a, qabeennaa fi kabajjaa namaa kenne; waan namni fedhu maraa hin dhoogganne; garuu qabeenna isaa kana ka biraatitu nyaata malee inni itti hin gammadu; wonti kun waan gatii hin qabne; dhibee hama'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
nami halchaa gadhaa ifii akka hin dhanne, Waaqi karra, qabeennaa fi ulfinna isaaf hin kenna. Ammoo alaga'atti qabeenna isaa nyaata malee, Waaqi akka inni qabeenna ifii nyaatu isa hin goone; tunille bu'aa hin qaddu; akka malee waan hantu'u.