Ecclesiastes 7:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan duisa ira hamtu arge — nad'eeni. Jaalalti isiini sii qabdu aka t'urura nama qabdi, harki isii ka nama marsu akuma sansalata nama hid'a. Nami Waaqa jaalatu dandae jalaa baha, ammo isiini nama daba inuma qabdi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani waan du'a caalaa hadhaaya'aa qoradhee arge; isiinillee dubartii akka siibo'ootitti nama gaaditu dubartiin jaalala isi'ii ka akka woshaado'ootiin dhiira gaaditi; harka isi'ii ka akka sibiilaatiin namatti maramtee nama qabuu barbaaddi nama Rabbiin sodaatu calla'atu dheessee isii jalaa bayuu danda'a; nama cubbamaa garuu ariitee qabdi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dubartii akka tiyyo'oo, ta yaad isi'ii akka fonxoro'oo, ta harki isi'ii akka haachabaa, ta du'a caalaa hadhoottu dhagge. Nami Waaqaa isii jalaa hin miliqa; cubbicha ammoo akka tiyyo'oo hin qabatti.