Ecclesiastes 7:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan d'ibile heregaani barbaade argu dad'abe. Anini nama kuma toko keesa nama d'iira toko ka goomu arge, ammo nad'eeni tokole ingarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kunillee deebii biraa barbaadee dhabuu kiyya; dhiira kumaa keessaa ka qajeela'aati jedhamuun isa barbaachisu nama tokko callaa arge; dubartoota keessaa garuu qajeeltuu takkallee hin argine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
adoo barbaadiisatti jiruu ammoo ammalle hin dhaggine. Namoota kuma oddu'utti namicha yaada qajeelaa qabu tokkocha dhaggeera; isaan mara oddu'utti ammoo dubartii qajeeltuu takkattiille hin dhaggine.