Ecclesiastes 9:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini lafa tana irati waan toko d'ibile ya hubad'e; qolchaani dogoomsu keesa guyya ch'ufa nama inqolchu, jannileeni had'iisa guyya ch'ufa indabsatu, qarooleeni guyya ch'ufa bulti inargatu, nami maltichileeni guyya ch'ufa horiti imbahu, ammalle nami jabaani wo beekhuleeni hojja ch'ufa waan fed'u inargatu. Mudani namuma ch'ufati galti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti sami'ii gaditti arge ka biraallee hin jira; kunillee worri fiigu fiigicha ufiitiin hin mooyatan, loltoonni lolanii mootee hin argatan; ogeeyyiin dhiyana ufii ka guyya'aa worri qaroon durummaa hin argatan; namoonni dandeettii qaban dandeettii ufiitiin muudamaan hin guddatan; garuu kunniin maruu hiree ufii argatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammalle waan dhibii biyya lafaa irratti dhagge: worri akka malee rukkisu yennaa mara hin injifatu yookiin loltooti jajjabbaan lola hin injifattu yookiin qaroon sagalee hin qabu yookiin beekaan durummaa hin qabu yookiin worri dandeettii qabu hin leellifamu; yenna'aa fi hireen ammoo isaan mara irratti hin teeti.