Ecclesiastes 9:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama qajeelafi ch'ubbichileeni, dansaafi hamaleeni, ka aada Waaqa jabeesufi ka injabeesineleeni, yokhaani ka sorio qaalufi ka inqalleleeni woma takaa taha, inuma dua. Nami dansaani nama hama iraa ingoomu, ka kakhatuleeni ka kakhu didu iraa ingoomu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hireen nama maraa ka nama woyyu'uutii fi ka nama yakkama'aa, ka nama misha'aatii fi ka nama hama'aa, ka nama qulqullu'uutii fi ka nama batti'iillee worri ciincaa dhiyeessanii fi worri hin dhiyeessinellee carraan dhuma isaanii tokkoma; namni mishaan hiree nama cubbama'aa irra woyyaa ta'e hin qabu; namni kakuu sodaatu, nama kakuu ugguun garaa garummaa hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami balcha'aa fi hamaan, nami dansa'aa fi badaan, qulqullichii fi battichi, ka ciincaa dhikeessuu fi ka hin dhikeessine martinuu hiruma tokko qaban. Nama dansa'aaf akkuma teetu, nama cubbichaafille teeti; worra kakatuuf akkuma teetu, worra kakuu sodaatuufille teeti.