Ephesians 1:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadaan ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti Waaqi tolchu fed'u, aka yo hojjaani geete, uumama lafa ch'ufa ka lafafi gubba jiru woltiini d'ufe Kristo mataa tolchu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii Waaqii tolchuu fedhu, akka yo yohii ga'e, uumama lafa cufaa ka lafaa fi gubbaa jiru waltiin dhufee Kiristoo mataa tolchu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroon yoo gayu karoorri Waaqinni hujii irra oolichu, uumamittoonni sami'ii fi arddii irra jiran marri, bakka tokkotti wolitti qabamanii aangoo Kristosii tokkoo jala akka ta'aniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa.