Ephesians 1:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isanileeni akasuma: gaafa dubbi d'uga d'ageetani, Odu Dansa ta baafamaani isanii d'ufte, isani Kristo d'ugefattani, jennaani Waaqi beesisa ufi isani ira keyate Lubbu Qulqullo ta kakhate isani kenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isaniilleen akkuma gaafa dubbii dhugaa dhageettan, oduu dansaa ta baafamaan isanii dhuftee, isan Kiristoo dhugeeffattanii jennaanii Waaqii beessisa ufii isan irra keeyyattee Hafuura Qulqulloo ka kakate isanii kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Dubbii Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeeffamtaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Oduu Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeffamtaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan.