Ephesians 1:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
maro teesaniifi Waaqaa galata deebisu illakimne. Anini hojja ch'ufa kad'acha tiyya keesati isani qaabad'a,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu hin lakkimne. Anin yo cufaa kadhachaa tiyya keessatti isan qaabadha,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
waan keessaniif Rabbiin galatoonfata'aa hennaa Rabbiin kadhadhullee, waan keessan qaabachuu hin dhiisu
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
waan keessaniif Rabbiin galateeffata'aa hennaa faateffadhullee, waan keessan qaabachuu hin dhiisu
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isin kadhanna'aan yaadata'aa waayee keessaniin, Waaqaaf galata dhiyeessuu kiyya addaan hin kutu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne.