Ephesians 1:21 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te'in, ta dhuttulle'etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kristoni achiti hayyoota gubbafi jabeennaafi irreefi nama jaba ch'ufa fida; inni maqa ulfinna ka lafa tanaatiifi ka hegerile ch'ufa ira jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiristoon achiitti hayyoota gubbaa, jabeenna, irree fi nama jabaa cufaa fida; innii maqaa ulfinnaa ka lafa tanaatii fi ka hegeriillee cufaa irra jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
adunyaa dhufuufillee, akkasuma ammo maqaa waamamu maraa maqaa caalu sami'itti mirga ufii hennaa isa kaayu, hujii Kiristoosiin hojjattan jabeenni hunna isaa hin mudhata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni Abbaan Kristosiin sami'itti mirga isaatiin ka isa teesise'llee, biyya kam, aangoo huminnaa fi goofttumma'aa olitti, akkuma kana biyya lafaa kana qofatti uduu hin ta'in biyya dhufutti'llee, maqaa maraa ol maqaa ulfinna ta'e kennu'uun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year