Ephesians 2:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, “Haqanqabaa qabanneerra” ifiin jettuun, “Worra haqanqabaa hin qabatin” jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani worri d'aloota gula gosa d'ibi, ka Yahudiini worra qabanqaba inqabanne jettuuni, ammo ufiini, Nu worra qabate jed'u (ta waan nami nafa ufi tolchu), waan duri keesa jirtani qaabad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan warrii dhaloota gula gosa dhibii, ta Yahudiin warraa dhaqaanqabaa hinqabanne jettuun, ka ammoo ufiin nu warraa qabate jedhu (ta waan namii nafa ufii tolchuu), waan durii keessa jirtan qaabadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin worri kanaan dura dhalootaan Yihuudii hin taane, worra harka namaatiin gadoome ka hin gadoomne jedhamtan kana yaadaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaan dura isin worri dhalootaan Yihuudii hin taane, worra harka namaatiin gadoome ka hin gadoomne jedhamtan kana yaadaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isin worri duraan dhaloota keessaniin Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka turttan, Yihudonni harka namaa titti gadoomuu isaaniitiin dhaadata'aa, isiniin worra hin gadoomin jedha'aa isin arrabissan akka turan yaadadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a.