Ephesians 2:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi isani Kristo iraa fago jirtani. Isani nyaapa, gumi Waaqa ta fohatani keesa injirtani. Wold'aqisa Waaqi gumi isati khakhate keesaa inqabdani. Lafa tana keesa abdifi Waaqa male teetani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafas isan Kiristoo irraa fagoo jirtan. Isan ormaa, gumii Waaqaa ta foohatan keessa hinjirtan. Waldhaqiisa Waaqii gumii isaati kakate keessaa hinqabdan. Lafa tana keessa Waaqaa fi abdi malee teettan!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san mootummaa Israa'elii irraa fagaattanii dubbii waadaa abdi'iitiif keessummoota taatanii, adunyaa kanatti abdii dhabdanii Rabbiin irraa fooyamtanii Kiristoosiin ala turtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bara san mootummaa Isiraa'elii irraa fagaattanii dubbii waadaa abdi'iitiif keessummoota taatanii, adunyaa kanatti abdii dhabdanii Rabbiin irraa fooyamtanii Kiristoosiin ala turtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin ummata Israa'eeliitiin wolitti dhufeenna ka hin qabnne, dubbii abddi'iitiif keessummoota ka taatan, biyya lafaa kanatti abddii woyiituu ka hin qabnne, Waaqa malee ka jiraattan, Kristosiin irraa'llee ka fooyamittan akka turttan yaadadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a.