Ephesians 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Kristoni ya Yahudifi gosa d'ibile taka tolche nagayaani nu d'ufe. Nafa ufitiini dallaa ka worra gargari qoode nyaapa woli tolche ch'abse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif Kiristoon ya Yahudii fi gosa dhibiillee takkaa tolchee nagaan nu dhufe. Nafa ufitiin dallaa warra gargarii qoodee nyaapha walti tolche cabse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lamaanuu ka tokko godhee seera labsi'iin himame diigee, dallawa lolaa foon ufiitiin diige.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lamaanuu ka tokko godhee seera labsi'iin himame diigee, dallawa lolaa foon ufiitiin diige. Kunillee lamaan isaanii irraa nama haarawa tokko ufummaa uumee, nagaya buusu'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gargar nu baasee ka ture golloo wol dhabaa ka diigee fi Yihudotaa fi Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne tokko ka taasise, nageenni keenna Kristos.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera.