Ephesians 2:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duisa isaa ka maskali gubbatiini Kristoni woljibiti balleese; maskali ufitiini inni gosa lachu takaa tolche Waaqati deebise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Du'a isaa ka fannoo gubbaatiin Kiristoon waljibbitii balleesse; fannoo ufitiin innii gosa lachuu takkaa tolchee Waaqatti deebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jibba fannoo isaa irratti ajjeesee isaan lamaanuu qaama tokkoon Rabbiin wolitti araarse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jibba fannoo isaa irratti ajjeesee isaan lamaanuu qaama tokkoon Rabbiin wolitti araarsu'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fannoo irratti du'uun'llee diinummaa ni dhabamisiise, lamaanuu qaama tokko taasisee Waaqaan woliin isaan ni araarsse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse.