Ephesians 2:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennnaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nuuni ch'ufti duri aka worra suni jirra, d'araa nafa keenna gula yaane waan nafafi qalbiini teenna feetu ch'alla tolchine, ka sila akuma nama ch'ufa Waaqi nuleti dalanu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nuun cuftii durii akka warra sunii jirra, dharraa nafa keennaa gula yaanee waan nafaa fi qalbiin teenna feetu callaa tolchine, ka silaa akkuma nama cufaa Waaqii nulleetti dalanuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu'u marri keennaa asiin durana isaan jiddu'utti fedha foon keennaatii fi yaada sammuu keennaa horddofa'aa hawwii foon keennaatiin ni jiraanna ture, akka kaanniinii'llee uumama keennaan dallansuu Waaqaa jala turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu.