Ephesians 3:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara isa, ka dandae waan nu kad'annu ira nuu kennu yokhaani waan nu herennule ira, maro jabeenna nu keesa hojatuufi:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii humna isaa ta nu keessatti hojjatuun waan nu kadhanuu fi waan nu yaaduu dandeennuullee cufaa irra nuu kennu danda'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa haga hunna nu irratti hojjatuutitti waan kadhannu yookaan haga yaannu maraa caalaa guddisee caalchisee Rabbii godhuu danda'uuf,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa haga hunna nu irratti hojjatuutitti waan kadhannu yookiin haga yaannu maraa caalaa guddisee caalchisee Rabbii godhuu danda'uuf,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf karaa huminna isaa ka nu keessatti hojjattuutiin ka kadhannuu fi ka yaadinnuu olitti haalaan caalichisee, Waaqa raawwachuu danda'uuf,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf,