Ephesians 3:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin anaaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi eeba ufitiini hojattu Odu Dansa na tolche, eeba suni jabeenna huji ufitiini naa kenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii kennamsa naasuu, ka ufitiin hojjataa oduu dansaa na tolchee, eebba sun jabeenna hujii ufitiin naa kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka hujii hunna isaatii fi akka Ayyaana Rabbii ka naa kennameetitti hojjataa isaa ka Dubbii Nagayaa himu ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka hujii hunna isaatii fi akka Ayyaana Rabbii ka naa kennameetitti hojjataa isaa ka Oduu Nagayaa himu ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni hujimaata isaa ka huminnaatiin karaa kennaa naaf kenne ka bilisaatiin, ani'llee tajaajila wongeelaa kanaa ta'ee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin naaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera.