Ephesians 3:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana anaaf kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gumi Waaqa ch'ufa maand'a qit'issu, ammo Waaqi huji gosa d'ibiti Odu Dansa odeesani nati kenne, aka durooma Kristo ka ind'umanne barsiisu,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin gumii Waaqaa cufa keessaa diqqaa, Waaqii ammoo hujii gosa dhibiitti oduu dansaa himan natti kenne, akka duruummaa Kiristoo ta hindhumanne barsiisu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayyuu gad ta'ee kenname.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayuu gad ta'ee kenname.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana naaf kenne.