Ephesians 4:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ka maro anini Aabbo hojad'uufi na hid'ani, isani kad'ad'a yaamicha Waaqi isani yaame gula yaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ka marroo anin Aabboo hojjadhuuf na hindhan, isan kadhadhaa yaamicha Waaqii isan yaam gula yaa'aa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa, ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa.