Ephesians 4:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin towattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isaatti wa namaa kennee, nama garii ergamaa, ka garii raaga, ka garii himtuu duubbii gammadaa, ka garii tissituu, ka garii barsiisota tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee gari garii ergamtoota, kuuwwan raattota, kuuwwan worra Dubbii Nagayaa lallabu, kuuwwanillee tisse'ee fi barsiisoota akka ta'an kennaa kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee gari garii ergamoota, kuuwwan raattota, kuuwwan worra Oduu Nagayaa lallabuu, kuuwwanillee tisse'ae fi barsiisoota akka ta'an kennaa kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee tokko tokkoon ergamittoota, tokko tokko nabiyyoota, tokko tokko ammoo lallabddoota wongeelaa, tokko tokko tissitoota amantootaa, tokko tokko barsiisota akkuma kana, kennaawwan isaanii ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin toowattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne.