Ephesians 4:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi jireenna keesani dullacha duri, ka waan isani duri taatani isani tolche — jireenna duri ka d'araani hamtuuni balleesite baafad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf jireenna keessan dullacha durii hamaa, ka waan isan durii taataan isan tolche, ka dharraan hamtuun balleesite baafadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuu fi nama balleessu uf keessaa balleessaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuuf nama balleessuu uf keessaa balleessaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf sossobee gara cubbu'uu hawwii eemaruun ka badee fi durssitanii ka ittiin ni jiraattan turttan, eennummaa moofaa amala uumama duraanii dhabamisiisaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a.