Ephesians 4:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Iti deebitani inkiyyibiina duuba! Nami ch'ufti ha oboleesa ufiti d'uga dubbatuuti; wonti akanatiifi nuuni ch'ufti nafa Kristo keesati mita.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Itti deebitanii hinkiyyibinaa duuba! Namii cuftii ha obboleessa ufiitti dhugaa dubbatuutii; wantii akkanaatiif nuun cuftii nafa Kiristoo keessaati mittaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu soba uf keessaa balleessaa'a; nu qaama tokko waan taaneerruuf. Isin martinuu goshoo keessan woliin dhugaa qaaqaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu soba uf keessaa balleessaa nu qaama tokko waan taaneerruuf. Isin martinuu goshoo keessan woliin dhugaa qaaqaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf soba hin dubbatinaa, marri keennaa kutaawwan qaama tokkoo waan taaneef, ufii keennaa dhugaa woliitti haa dubbannu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti.