Ephesians 4:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii durii wa hatuu ha hanna lakkisee hojjatuutii; akka harka ufitiin ufi bulchee hiyyeeyiillee qarqaaru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka hate ammaa achi hin hatin; haa ta'uu ammo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka hate ammaa achi hin hatin; haata'uu ammoo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
In hata ka ture ammaa achitti hin hatin, kana irra hiyyeesotaa kennu'uuf qarshii akka qabaatu, harka isaatiin waan mishaa haa hojjatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti.