Ephesians 4:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hasaa keesati dubbi hamtu injed'ina. Dubbi dansa, ta nama qarqaarte jabeesitu ch'alla jed'a, aka worri d'agayu eeba argatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haasa keessatti dubbii dansaa nama qarqaartee jabeessitu ka namii dhaga'u eebba argatu callaa dubbadhaa malee, duubiin hamtuun afaan keessan keessaa hin ba'in!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra isa dhagayaniif badhaadha akka kennuuf akka ka dadhabe jajjabeessitan, dubbii mishaa dubbadhaa malee hamaan afaan keessanii sirima hin bayin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra isa dhagayaniif badhaadha akka kennuuf akka ka dadhabe jajjabeessitan, dubbii mishaa dubadhaa malee hamaan afaan keessanii sirimaa hin bayin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gonkumaa afaan keessan dubbiin hamaan hin bayin, garuu worra dhagayaniif ka gammachiisuu fi ijaaru'uuf ka fayyadu, namootaaf'llee barbaachisaa dubbii ta'e dubbadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.