Ephesians 5:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi deema teesani keesa aka dansa ufi qorqorad'a. Aka nama woma imbeenne intahiina, aka nama qaro taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf deemmaa teessan keessa akka dansaa ufi qorqoradhaa! Akka nama homaa hinbeennee hintahiinaa, akka nama qaroo tahaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee, akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa attamitti akka jiraattan ufi eegganna'aan hubadhaa, akka worra ogeessotaa malee akka worra gowwootaa titti hin jiraatinaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a.