Ephesians 5:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Faaru'uu fi faruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbii faarutii fi ta sirba Waaqaatiin walhaasaa; faaruu Aabboo garaa keessan keessatti gammadaanii dhahadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faaruu faarfachu'uun, weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Faaruu faarfachu'uun weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraatii fi onnee guutu'uun'llee Gooftaa galateeffadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Faaru'uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a.