Ephesians 5:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma Kristoni mata gumi isaa, d'iirsileeni mata niiti isaati; Kristoleeni ufi isaati Qarqaarsa gumi, ta nafa isaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma Kiristoon mataa gumii isaa, dhiirsiilleen mataa niitii isaati; Kiristoon fayyisaa gumii Waaqaatii, gumiin Waaqaa ammoo nafa isaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa ta fayyisee fi ta qaama isaa taatee mataa ta'e, abbaan manaa mataa haadha manaati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatii mataa ta'e, nafa ufii woldaa Kiristaanaa akkuma fayyise, abbaan manaa mataa haadha manaati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristos mataa woldaya amanti'ii akkuma ta'e, abbaan worraa'llee mataa haadha worraa isaati, deebi'ee'llee Kristos woldaya amanti'ii ta qaama isaa taateef fayyisaa isi'iiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a.