Ephesians 5:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi t'uritiifi ta daallumatiifi ta imfakaanne jechu himmalle. Ammo waan ch'ufa keesati sila Waaqaa galata deebisu maltani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbii xuritii, ta daallumatii fi ta hinfakkaanne jechuu himmalle. Ammoo waan cufaa keessatti silaa Waaqaa galata galchuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef isin biratti hin argamin. San caalaa ammo worra galataa ta'aa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef, isin biratti hin argamin. San caalaa ammoo worra galataa ta'aa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana irra Waaqaaf galata dhiyeessaa malee, waan nama mufachiisuu fi haasaya gowwumma'a, yookiin waan baliddaa dubbachuun isin irra hin jiru, wonitti akkanaa kun isiniif mijaaya'aa miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a.