Ephesians 5:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ifsati mid'aani dansoomatiifi ka d'ugatiifi ka qajeelumatiini d'ufa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ibseen midhaan dansoomaa, ka dhugaatii fi ka qajeelumaatiin dhufti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daraaraan ifaa mishummaa, qajeellumma'aa fi dhugaa mara uf keessaa waan qabuuf. Kanaafuu waan Gooftaa gammachiisu qora'aa akka ijoollee ifaatitti jiraadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Daraaraan ifaa mishummaa, qajeellumma'aa fi dhugaa mara uf keessaa waan qabuuf. Kanaafuu waan Gooftaa gammachiisu qora'atii, akka ijoollee ifaatitti jiraadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka mishummaa maraa, firiin qulqullaayomutii fi firiin dhuga'aa ka argamu ifa irraayyii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi.