Ephesians 6:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa daadimattanuu fi kadhattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana ch'ufa kad'achaani tolfad'a qarqaarsa Waaqa kad'ad'a. Hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a, akuma Lubbuuni isani agarsiiftu. Maro waan kanatifi hojja ch'ufa kurfo eegad'a; ufi injibaatiina, hojja ch'ufa gumi Waaqati kad'ad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kana cufaa kadhachaan tolfadhaa qarqaarsa Waaqaa kadhadhaa. Yo cufaa akkuma hafuurii isan garsiisu Waaqaa kadhadhaa! Mar. roo waan kanaatif yo cufa ufii hinjibaatinaa kurfaa eegadhaa, yo cufa gumii Waaqaatii kadhadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faate'ee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun eemarama'aa kadhanna'aa fi woyata dhiyeessaa. Bu'ura kanaan'llee namoota Waaaqinni isaan qulqullaayomiseef jabaadhaatii kadhadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a.