Ephesians 6:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro Odu Dansa tanaatiifi gara na ergani, ato anini amma hid'aansa keesa jiraad'ele. Tanaafi Waaqa naa kad'ad'a, aka anini jabeese dubbad'u, akuma tolchu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo anin amma hindhaansa keessa jiraadheellee marroo oduu dansaa tanaatiif garana na ergan. Tanaaf anin akkuma tolchuu male jabeessee akka dubbadhu Waaqaa naa kadhadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Oduun Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ammuma'llee Sanbbataan hidhamee wongeeluma kanaaf ergama'a, kanaaf narraa akka malutti sodaa malee akka dubbadhuuf, naaf kadhadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a.