Ephesians 6:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tissele, abbooti teesani, sodaafi holachani ch'aqasa, akuma waan Kristo hojattani garaa tokooni hojad'afi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tisseelee, abbootii teessan sodaa fi hollachaan caqasaa, akkuma waan Kiristoo hojjattanii garaa tokkoon hojjadhaaf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin Garboonni! akkuma Kiristoosii ajajamtan kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin Garboonni akkuma Kiristoosii ajajamtan, kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin yaa tajaajiltoota nana! worra fooniin gooftota keessan ta'aniif soda'aa fi hollataan isaaniif ajajamaa, akkuma bifa Kristosiin tajaajilttanii titti qajeeluma onne'eetiin isaaniif ajajamaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a.