Ephesians 6:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbooti tisselee, tissele teesani akuma suni tolcha, insodaachiisiina. Qaabad'a, aka isanifi tisseleeni teesanileeni abba taka gubbaa qabdani, ka nama ch'ufa waan takaa tolchu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabbooti tisselee, tisseelee teessanii akkuma sun tolchaa! hinsodaachiisiinaa! Akka isanii fi tisseleen teessaniilleen abbaa takko ka nama cufaa waan takkaa tolchuu Waaqaa gubbaa qabdan qaabadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isinillee gooftonni! dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; Gooftaan isinii fi isaanillee bulchu akka samii jiru, fuula namaa laalee akka wol hin caalchifne waan beettaniif isaan hin sodaachisinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isinillee gooftonni dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; isaanii fi isin irrattillee Gooftaan samii bulchu akka jiru fuula namaallee laalee, ka nama wol hin caalchifne akka jiru waan beettaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin'llee yaa gooftota! Fuula namaatiif ka hin dalle gooftaan keessan fi ka isaanii'llee samii akka jiru yaadachu'uun, dhaadachuu keessan dhiifttanii tajaajiltoota keessaniif waan mishaa raawwadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a.