Esther 1:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hayyiti Vashti, ta ruufa hayyooma ufira qabdu na duraani koota jed'e. Hayyitiini suni guddo mid'aadu, duuba hayyichi mid'aaguma isii suni worra gugurdafi keessuma isaa ch'ufa garsiisu fed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Mootittiin Asxiin uffata ufii ka mootumma'aa uffattee, gulloo ulfinnaa mata'atti godhattee akka as dhuftu godhaa» jedhee isaan ajaje; Mootichi mootittiin Asxiin guddiftee waan bareedduuf worra isaa ka baallii qabanii fi keessummoota isaa marattuu haa mudhattu'uuf barbaadee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Giittittiin Waashit kallacha mootumma'aa keyattee akka as dhuttu godha'a» jedhee isaan ajaje; mootichi giittittiin Waashit guddoo dansittii waan teeteef, kolba'aa fi qondaaltotatti mudhisiisaaf tana godhe.