Esther 1:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba hayyuuni aada toko qaba; yo waan seeratiifi ka finna hubachu fed'u, worra aada tana beekhu ch'ufa wolti yaame malaani d'aate, gorsa iraa fud'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seeraa fi murtee laalchisee worra ogeeyyii qaroo gorsa kennan gaafachuun mooticha biratti waan baratame waan ta'eef hennaa san maal godhuu akka isa barbaachisu akka isa gorsaniif worra gorsa isaa kennan waamsise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haajaa seeraatii fi haqaa ilaalchisee, beekkolee qorachuun mooticha biratti waan baratame waan teeteef, beekkolee woliin mari'ate.