Esther 1:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Memukaniini waan hayyichafi jaallaboota isaatini jed'e, Hayyiti Vashtiini hayyicha ch'allati iwollaalle, ammo worra gugurda ch'ufafi nama lafa atini fiddu tana keesa jiru ch'ufati wollaalte!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Meemukaanillee mootichaa fi banii biyya bulchaman afo'otti akkana jedhe, «Mootittiin Asxiin worra biyya bulchan maraa fi banii biyya mooticha Arxeeksisii keessa jiran maraa yakkite malee mooticha callaa hin yakkine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Memukaan mootichaa fi qondaaltota duratti, «Giittittiin Waashit ka qaanessite mooticha qofa adoo hin te'in, qondaaltota maraa fi kolbaa kutaa biyya Ahashwerosii keessa jiranu mara qaanessite.