Esther 10:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mordekaiini ka gosa Yahudi, guddinnaani hayyu Ahasueroti aana. Inni Yahudi keesa gurra guddo qaba, ammalle gochiti isaa ch'ufti guddo isa feeti. Inni nagayafi bultuma gosa isaatiifi ilmaani worraa ta takaa tanale barbaade.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mardokiyoosiin Ayihuudichi mooticha Arxeeksisitti aanee lammeessoo ture; nama obboleewwan ufii biratti jaalatama'aa fi kabajjamaa, ka bani'ii waan mishaa yaade, ka fiixaa ufiitiifillee akka isaan nagayaan jiraataniif guddisee xaare ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mordekaayiin Yihudichi itti aanaa mooticha Ahashiwerosii ti; Yihudoota odduulle'etti nama ulfaata'aa fi nama jaalatama'a. Inni kolbaa ifiitiif waan dansaa waan hujee fi nageya sanyii isaanii maraaf waan dubbateef, Yihudoota hedduu oddu'utti nama ulfinna guddaa qabu.