Esther 2:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani yoi Estani gara hayyu d'at'u gahe. Estani tunini dubra Abihaili, ka abuyya Mordekai, ka aka ilmaani ufii isi guddise; ammalle nami isi arge ch'ufti isi jaalate. Marooni isii geennaani isiini waan Hegai, sangichi nad'eeni qorqoratu, Keeyad'u jed'eeni ch'alla keeyatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara mootichaa akka seentuuf koreen Asteerii mucattii Abikaa'elii ta eessumni isi'ii Mardokiyoosii hennaa gaye, waan Heegeen eedduun dubartootaa hojjataan mootichaa jedhuu achi isiin womaa hin barbaanne ture; Asteer ka isii laalu maraa afo'otti gaachena argattee turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Intalti Abiihaayilii obboleessa abbaa Mordekaayii Asteer, ta Mordekaayi akka intala ifii guddiffate, badoon isiin gara mootichaa seentu yennaa geette, isiin waan Hegaayiin guneessichi dubartoota eegu akka isiin fudhattu hime malee waan tokkolle hin gaafanne. Isiin nama isii dhagge mara duratti fudhatama dhaggatte.