Esther 2:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana aka dansaa ilaalani, aka isiini d'uga argani, jennaani jara kaani lamaani t'urrisa iti kayani mukhati fannisani. Duuba jecha hayyuu gula dubbi tana ch'ufa kitaaba odu waan duri lafa keesati tahe keesati t'aafaniti t'aafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiinillee qoratamee dhugaa ta'ee argame. Kanaafuu jara dhibduu sanniin lamaanuu muka irratti fannisanii ajjeesan. Mootichi akka wonti kun kitaaba seena'aa ka mootichaa keessatti barreeffamee taa'u ajaja dabarse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbiin qoratantee dhugaa yennaa teete, jarri lamaanuu muka irratti fannifamane; wonni kun marti mooticha duratti galmee dabarsi'ii keessatti barreeffante.