Esther 2:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba hojattu lafa tante, ta lafa atini fiddu ch'ufa keesa jirtu, qonqo iti ergi, aka worri dubra mimid'aadu barbaade mana kanke ka dubra taka imfuud'iini iti galchani dira gudda Shushani ke jiruuni d'ufu. Duuba dubra suni harka Hegai, namicha sangicha nad'eeni qorqoratuti kenni, aka qumbifi d'ad'ale kennaniifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
bulchiinsa mootummaa keetii keessatti biyyoota gara garaa keessatti worra baallii qaban muudu'uun isaan dubartoota babbareeddan fila'aa qachaa guddoo Suusa'aa keessatti manniin dubartoota babbareeddan keessa jiraachisu'uuf filatametti akka isaan fidan haa taasifamuu; Heegee baallii qabu ka akka mana kana eeguuf ati filatteen haa eeggamanii; isaan akka bareedan haa taasifamanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootummaa teeti keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, durra dadansaa filanee, qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti gara mana dubartooti si'iif filamane le'anuu fidanee itti gaafatamaa dubartootaa guneessicha Hegaayitti kennanee inni isaan eeguu ti; dibati dansumma'aalle isaaniif kennamuu ti.