Esther 3:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani guyya kud'ani sadeeso, ka jia qara, Hamaniini hojattu hayyuu ta wo t'aaftu wolti yaame, dubbi sila nama ch'ufati himani iti haasae. Dubbi tana t'aafifi afaani gosa gosaa, ta gochiti lafa hayyuuni fidu keesa jirtu dubbatuuni t'aafani, worra gugurda ch'ufa ka hayyu jala hojattuti ergani. Ammalle maqa hayyu Ahasuerotiini ergani, beesisa qube isaa ira kayani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a jalqabaa guyyaa kudha sadeesso'ootitti barreessitoonni mootichaa waamaman. Hindii jalqabee haga Itoophiya'aa biyyoota dhibba tokkoo fi diddamii torbaa marattuu, gara banii Yihuudota hin taane marattuu, gara bulchoota biyya maraatittuu akkuma afaan isaaniitiin jecha mootii Arxeeksisii akkuma Haamaan jedhe barreeffamee qubeen mootichaa irratti chaappeeffame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ji'a tokkeesso'oo, gaafa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, barreessitooti mootichaa waamamane; isaan ajaja Haamaanii mara kutaa biyyaa tokko tokkootiifuu akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota kolbaa adda addaatiif maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee chaappaa qubee quba mootichaatiin dhowane.