Esther 3:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba taatabe harka worra miila sasablati kennani, lafa hayyuuni fidu ch'ufati ergani. Tataabe suni waan jette, Guyya tokoti, guyya kud'ani sadeeso ka jia kud'ani lameeso ka Adari jed'ani, Yahudi ch'ufa, haguma isiini geetuuni, diqafi gudda, nad'eenifi ijoolle ch'ufa, naasu male fit'a, miha worraa ch'ufa saama guurad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti Ayihuudota maraa ijoollee, manguddoota, daa'immanii fi dubartoota guyyaa tokkotti akka balleessanii fi akka ajjeesan, akka barbadeessan, boojuu isaaniillee akka saaman xalayaan harka ergamtootaatiin gara biyyoota mootichaa maratti ergaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajaji barreeffamaa namoota rukke'een geessanutti kennamee, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, dargaggoota, jaarsolee, dubartootaa fi ijoollee Yihudootaa mara guyyaa tokkocha akka balleessanu, akka ijjeesanuu fi ijjumaa akka haxowanu, qabeenna isaaniille akka saamanuuf gara kutaa biyya mootichaa maratti ergame.