Esther 3:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jecha hayyuu gula dubbi tana dira Shushani keesati odeesani, worri miila sasabla orie, arda ch'ufaani gahe. Duuba hayyufi Haminiini tatani farso woliini d'ugani, ammo nami dira Shushani ch'ufti nahe waan tahu wollaale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajaja mootichaatiin ariifata'aa deeman. Labsiinillee gimbii Suusa'aatitti himame; qachattiin Suusa'aa raafama guddaa keessa uduu jirtu mootichinii fi Haamaan garuu dhugu'uuf taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti ajaja mootichaatiin ariifatanee bayane; ajaji sun qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti maxxanfame. Mootichii fi Haamaan uniisaaf tee'ane; worri qachaa Suusaa ammoo raafame.