Esther 3:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle aka inni gosa Yahudi hubannaani, aka Mordekai ch'alla wo tolchuniti, ammo aka Yahudi, ta lafa hayyuuni fide suni keesa jirtu ch'ufa, qunqume fit'u malate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gosa Mardokiyoosii waan itti himanii turaniif Mardokiyoosiin ajjeessuun qofaan akka gayaa hin taane hubate. Haamaan banii Mardokiyoosii ka mootummaa Arxeeksisii keessa jiran Ayihuudota maraa balleessuu barbaade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosi isaa Yihudii akka te'e waan itti himaneef, Haamaan Mordekaayi callaa ijjeesuu tuffate; addee san Yihudoota kolbaa Mordekaayii mara mootummaa Ahashiwerosii duudii keessaa balleessiisaaf mala dhowe.