Esther 3:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna kud'ani lameeso ka hayyu Ahasueroni lafa fide, jia qara ka Nisani jed'ani keesa, Hamaniini, Hit'a buufad'a jed'e, aka akasiini guyyaafi jia fakaatu, aka jed'a isaa guutatu beekhu. (Afani Ebraniatini hit'a jechaani Puri jechu.) Duuba hit'aani sunini jia kud'ani lameeso, ka Adari jed'ani, guyya kud'ani sadeeso garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Arxeeksis mooyee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a jalqabaa ka Niisaan jedhamuu jalqabee guyya guyya'aa fi ji'a ji'aan haga ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamuu Haamaa afo'otti hixaa fuur jedhamu ka akka Ayihuudonni badaniif buusan hujii irra oolchu'uuf guyyaanii fi jiini mijaayan kamiin akka ta'e akka beekkamuuf ajaja kenne; akkaatama hixa'aatiin ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti akka ta'u murteeffame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ahashiweros mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo ka «Niisaan» jedhamu keessa [guyya'aa fi ji'a gargar baasanee beekiisaaf] Haamaan duratti hixaa «Puuriim» jedhamu buusane; hixaalle ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu irra bu'e.