Esther 3:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Hamaniini waan hayyichaani jed'e, Gosa tokoti jira, lafa atini fiddu keesa, ta arda ch'ufa keesa jirtu. Gosa suni aadaani worraa aada gosa taani ch'ufa iraa gorti. Ammalle worri seera hayyu inguutu, tanaafi atini waan worra suni obsu himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haamaanillee mootii Arxeeksisiin, «Bulchiinsa mootummaa keetii keessa banii tokko ka biyyoota gara garaa keessa bittinnaayanii jiraatantu jira; Seerri isaanii seera banii maraa irraa adda. Seera mootichaa hin eegan; mootichillee isaan dhiisuu hin qabu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Haamaan mooticha Ahashiwerosiin, «Kolbaa Kutaa biyya mootummaa teetii mara odduu kolbaan bittinnoottee leetu takka jirti; seerri isaanii seeraa kolbaa dhibi'ii mara irraa adda; seera mootichaatiifille hin ajajamanu; tanaaf kolbaa tana cadhisanee ilaaluun mootichaaf hin toltu.